Milkaa’ina marii biyyaalessaaf Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee gahee isaanii akka bahatan gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC)- Milkaa’ina marii biyyaalessaaf gaheen Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee olaanaa ta’uu Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Ambaasaaddar Mahaammad Diriir ibsan.

Komishinichi deemsi ajandaa walitti qabuu Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamu akka milkaa’uuf Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee waliin Magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira.

Ambaasaaddar Mahaammad Diriir waltajjicharratti akka ibsanitti, biyyattiitti waldhabdeewwan mul’atan mariin akka furamaniif komishinichi haala mijeessaa jira.

Keessumaa yeroowwan darbanitti ergamaa fi kaayyoo komishinichaa ummata hubachiisuun hojiileen ajandaa adda baasuu irra jireessaan naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti gaggeessuuf qophiin taasifameera jedhan.

Yeroo ammaas Naannoo Oromiyaatti kutaalee hawaasaa kuma 7 ol hirmaachisuun adeemsa ajandaa walitti qabuu Mudde 7, 2017’rraa eegalee gaggeessuuf qophiin taasifamuu himaniiru.

Tattaaffii rakkoolee jiran mariin furuuf taasifamaa jiran akka milkaa’aniif ajandaaleen akka dhiyaatan, abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee hawaasa kakaasuu fi hubachiisuu keessatti gumaacha isaanii akka bahataniif kaayyeffamuu ibsuu TOI gabaaseera.

Keessumaa qindeessitoota filachuu fi hojiileen ajandaa adda baasuu akka milkaa’uuf gaheen abbootii gadaa fi haadholii siinqee olaanaa ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment