Milkaa’ina Marii Biyyaaleessaaf hirmaannaa jalqabnee itti fufna- Waldaaleen Siviikii

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti nagaa waaraa fiduu keessaatti gahee olaanaa kan qabaatu milkaa’ina Marii biyyaalessaaf hirmaannaa taasisuu jalqabaan cimsanii kan itti fufan ta’uu Waldaaleen Siviikii ibsan.

Mariin Biyyaalessaa rakkoolee biyyattii waggoota dheeraaf turan mariin furuun waliigaltee uumuu kan dandeesisuudha jedhaniiru.

Waldaan Barsiisoota Itiyoophiyaa fi Konfedereeshiinii Hojjetoota Itiyoophiyaa, Koomishiinii Marii Biyyaalessaa waliin ta’uun milkaa’ina marichaaf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Barsiisoota Itiyoophiyaa Dooktar Yohaannis Bantii, mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaatti nagaa waaraa mirkaneessuuf gahee kan bahatuudha jedhan.

Maricharrattis hunduu tasgabbiin, hirmaannaa si’ataa taasisuun dirqama lammummaa isaanii akka bahatan hubachiisaniiru.

Waldichis dirqama isaa bahachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Pireezidaantiin Konfedereeshinii Hojjetoota Itiyoophiyaa Obbo Kaasaahuun Foolloo gama isaaniin erga Komishiiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’ee milkaa’ina marichaaf gahee irraa eegamuu bahachaa jiraachuu kaasan.

Hojiilee hirmaattoota marichaa adda baasuurrattis hirmaachuu himuu TOI gabaaseera.

Konfedereeshinichi fuuldurattis hirmaannaa isaa caalmaan cimsuun milkaa’ina marichaaf kan hojjetu ta’uu beeksisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment