Milkaa’ina Marii Biyyaaleessaa Murtoo Dhiifamaatiin Jalqabnee Jirra – BMNO

Finfinnee, Muddee 29, 2014 (FBC) – Milkaa’ina Marii Biyyaaleessaa Murtoo Dhiifamaatiin Jalqabuu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiise.

Guddinaafi badhaadhina biyya tokkootiif bu’uurri cimaan waliigaltee biyyaaleessaa uumuu ta’uu ibseera.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa marii biyyaaleessaa dhiifamaan eegalee ilaalchisee ibsa laateera.

Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Waan hundarratti waliigaluun rakkiisaa ta’ullee, dantaafi birmadummaa biyyaaleessaa aggaammiiwwan diigumsaa biyya keessaafi alaa uumamuu danda’u irraa tiksuuf, dinagdee dorgomaa kabajni lammiilee keessatti mirkanaa’u ijaaruun Badhaadhina mirkaneessuuf jecha dhimmoota biyyaaleessaa murteessoo ta’an irratti waliigalteefi wal-hubannaa uumuun dirqama ta’a. Daandii ida’amuutiin Badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf imala keenya wayita jalqabnetti, waan darbe irraa barnoota eegeree keenyaaf nu fayyadu qofa fudhachuun galmee hammeenyaa dhiifamaan goolabnee boqonnaa haaraa hunda keenyaaf mijataa ta’e yaa jalqabnu amantaa jedhuun ture.

Waamicha Jaalalaan Haa Ida’amnu Dhiifamaan Haa Ceenu jedhu fudhachuun kanneen badhaadhinaaf imala jalqaban hedduu ta’anillee, muraasni bakka dhaabatanii socho’uu hin dandeenye. Kanneen akka ABUT fi shanee ammoo, dhiifama kennanii fudhachuun hafee gara shororkeessummaa ija baaseetti tarkaanfachuun yakkaafi hammeenya dhiifama hin jechisiifne biyyaafi lammiilee irratti raawwataniiru.

Humnoonni kunniin keessumattuu ABUT, hiriira deeggarsaa tolfachuuf jecha maqaa hin jirreefi akeeka daandii ida’amuu hin taane mootummaarratti tarreessuun yaalii bal’aa taasisaa ture keessatti namoota muraasa dogoggorsiisee jira. Namoonni kunneen beekaniis ta’e osoo hin beekiin dogoggoraan kiyyoo shira siyaasaa ABUT keessa galuu isaanitiin badii raawwataniiru.

Daangaa seeraa sararame cabsuun yakkaan shakkamuun to’annoo seeraa jala akka turan ta’uun isaanii ni yaadatama. Namoonni kunneen badii akka salphaatti hin ilaalamne kan raawwatan ta’ullee, mootummaan tokkummaafi nagaa biyyaatiif, akkasumas, daandii waldhabdeefi diigumsaa yeroo hundumaa humnoonni alaa nuuf sararan irraa maquun gara marii biyyaaleessatti cehuuf jecha, dhiifamaan akka gadi lakkifaman ta’ee jira.
Balballi dhiifamaafi garaa bal’inni yeroo tokko baname yeroo biraa abdi kutannaan kan cufamu osoo hin taane, duudhaa ida’amuu yeroo hundumaa ittiin imallee gara badhaadhinaatti ittiin ceenu waan ta’eef, mootummaan tarkaanfii seena-qabeessa kana fudhatee jira. Kunis mootummaan keenya mootummaa qormaatilee har’aatiif osoo hin jilbeeffatiin bal’inaafi Badhaadhina dhaloota dhufuuf dhagaa bu’uuraa nageenyaa waaraa ka’aa jiru ta’uu isaa mirkaneessa.

Har’a bakka kaleessaa hin jirru. Diinoota keenya keessaafi alaa daboo kadhatanii akka biyyaatti nu diiguuf nutti aggaman awwaalaa jirra. Kiyyoo badii diinni nuuf kaa’e fashaleessinee jirra. Kabjaafi birmadummaa biyyaa abbootiin keenya dhiigaafi lafee isaanitiin eeganii asiin gahan akka salphaatti dabarsinee kan hin laanne, duudhaafi gootummaan ulfinaafi kabaja biyyaaf morma ofii laachuu dhaloota har’aa keessas akka jiru diinaafis ta’e firaaf mirkaneessinee jirra. Ammas injifannoofi gootummaa biraaf daandii jalqabnee jirra. Innis marii biyyaalessaatiin madda rakkoofi wal-dhabdee keenyaa hunda yeroo dhumaatiif goolabnee boqonnaa haaraa nageenya waaraan itti mirkanaa’u saaquuf murteessuu keenya. Murtoon keenya ammoo, rakkoo keenya hunda marii biyyaalessaatiin hiikna jennee waadaa ummata keenyaaf seenne irraa kan maddeedha. Mootummaan namoota yakkaan shakkamanii to’annaa seeraa jala turan dhiifamaan gadi lakkisuuf murteessuun isaa waadaa araara biyyaalessaa marii biyyaalessaan furuuf ummataaf seene dhugoomsuuf tarkaanfii seena qabeessa fudhachuu jalqabuu isaa mirkaneessa. Ilaalama guutuun, duudhaa keenya ganamaatti deebi’uun mariif marabbaan injifannoo caalmaa galmeessuuf ejjennoofi kutannoo qabnu agarsiisa.

Bu’uuruma kanaan namoonni guyyaa har’aa dhiifamni taasifameef kunneenis dogoggora darbe irraa barnoota fuudhatanii carraa kana miira itti gaafatamummaa guddaan itti gargaaramu jennee abdanna. Kaayyoo Marii Biyyaalessaa milkeessuudhaafis dibaabee olaantummaa seeraa jalatti gumaacha isaan irraa eegamu ni taasisu amantaa jedhu qabna. Mariin rakkoo ni furra. Waan jalqabne milkaa’inaan ni fullaasna.

Nagaa waaraa fi Badhaadhina hunda galeessa ni mirkaneessina.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Mudde 29, 2014
Finfinnee

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment