Milkaa’ina keenya caalatti calaqqisiisuuf Ashaaraa Magariisaarratti ummanni dammaqinaan akka hirmaatu waamichan dhiyeessa-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FBC)-Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa, milkaa’ina keenya caalatti calaqqisiisuuf qabame irratti ummanni naannoo keenyaa marti dammaqinaan akka hirmaattu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan waamicha dhiyeessan.

Akka naannootti, guyyaa boruu duula biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo sadarkaa biyyaalessatti gaggeeffamurratti ummanni harcaatii malee bariin ba’uun akka hirmaatu imaanaa jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa Loreetii Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Dooktar Abiy Ahimadiin maddee hojiirra oolaa jiru, akka biyyaafi naannootti, lakkoofsa biqiltuu qophaa’unis ta’ee dhaabbatuun dabalaa dhufee guddina ajaa’ibaa argisiisaa jira.

Qophii biqiltuu, bara 2011’tti biiliyoona 2 irraa ka’uun, bara 2016 biiiliyoona 5.472’n dachaadhaa oliin kan daballe yoota’u, bara kana dabalatee waggoota jahan darban, waliigalaan biqiltuu biiliyoona 25.202 qopheessuu dandeenyeerra.

Adeemsi galmi keenya itti olka’aa dhufe kun, fedhii mancaatii bosonaa ittisuu, kunuunsaa fi bakkatti deebii madaala naannoo dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf qabnu fooyya’aa dhufuu kan agarsiisuudha.

Lakkoofsi biqiltuu dhaabnuus dabalaa dhufuun karoora bara 2016 dabalatee biiliyoona 23.41 kan gahu ta’a.

Guddinni kunis dhiibbaafi hubannoon inisheetivii Ashaaraa Magariisaa ummata biratti babaldhachaa waan dhufeefidha.

Gama uwwisa lafaatiin, hanga bara 2015’tti lafa hektaara miiliyoona 5.33’n kan geenye yoota’u, lafa hektaara miiliyoona 1.29 bara kanaaf qabame waliin uwwisa waliigalaa gara lafa hektaara miiliyoona 6.62 kan guddisu ta’a.

Milkaa’ina yeroo dheeraatiif, babaldhisni uwwisa lafaa ittifufiinsa qabu murteessaadha.

Gama biraatiin, adeemsi guddina hanga ammaa jiru mataa isaatiin, hojiin dhaabbii biqiltuu keenya gara bu’aa naannoo qabatamaatti dhufaa jiraachuu kan agarsiisuudha.

Milkaa’inni latiinsa biqiltuu dhaabbatee ol’aanaa kan ture yoota’u, waggoota shanan darban giddugaleessaan %88.5 ta’eera.

Milkaa’inni ol’aanaan kun tooftaalee raawwii bu’aa qabeessa hojiirra olchaafi kunuunsa taasisaa jiraachuu keenya kan ragaa bahuudha; akkasumas milkaa’ina waliigalaa deebisanii bosonoomsuu (reforestation) eegumsa biyyeefi bishaanitiifis gumaacha kan taasisaa jiruudha.

Milkaa’ina inisheetiviichaa hanga ammaa kanaaf hirmaannaan ummata keenyaa tumsa ijoo ture.

Lakkoofsi hirmaattotaa waggaa waggaan haalan guddachaa kan dhufe yoota’u, bara 2015’tti miiliyoona 15.9 gahee ture.

Bara kana nomoonni miiliyoona 21.5 akka hirmaatan kan eegamu yoota’u, ida’ama waggoota jahaa, walumaagala namoota miiliyoona 80.5’n kan gahu ta’a.

Kunis, hubannoon hawaasni keenyaa hojii dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa irratti qabu waggaadhaa gara waggaatti dabalaa dhufuu kan agarsiisuudha.

Gama biraatiin, hirmaannaa baldhaan kun dandeettii inisheetiviichi deeggarsa hawaasaa baldhaa sochoosuu akkasumas tarkaanfii naannoo hiika qabu dammaksuuf qabu kan cimsuudha.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa, milkaa’ina keenya caalatti calaqqisiisuuf qabame kana irratti ummanni naannoo keenyaa marti dammaqinaan akka hirmaattan maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha kabajaa isiniif dhiyeessuun barbaada.

Akka naannootti, guyyaa boruu qofatti biqiltuu miiliyoona 520.5 dhaabuun ariitii imala keenyaa dabaluuf socho’aa kan jirru waan ta’eef, muldhataafi waadaa dhalootaa guddaa kana dhugoomsuu keessatti hirmaannaan keessan daran murteessaa ta’uu hubattanii harcaatii tokko malee bariin baatanii, dhaabbii irratti akka hirmaattan imaanaa guddaa jechuun barbaada.

Hojii siidaa dhalootaa, biyyaa, akkasumas naannoo keenyaf egeree magariisaafi ittifufiinsa qabu umuuf raawwannu kana irratti nu waliin ta’aa.

Biyya bu’uuressu, dhaloota waaressu!

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment