Milkaa’ina hojiilee misoomaa naannichaaf gumaachi Raayyaa Ittisaa olaanaadha-Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)- Milkaa’ina hojiilee misoomaa Naannoo Somaaleetti gaggeeffamaa jiraniif gumaachi Raayyaa Ittisaa olaanaa ta’uu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad ibsan.

Jilli Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu Godee Jira.

Jilichis pirojektii bishaan dhugaatii Godee dabalatee hojiilee misoomaa magaalattii daawwateera.

Hojiileen misooma naannichaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka gaggeeffamaniif gumaachi raayyaa Ittisa Biyyaa Olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Ummanni Naannoo Somaalee fi Raayyaan Ittisaa qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment