Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC) – Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Ijaarsa hidha haaromsaa waggaa 10ffaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin, guddinaa fi misoomaa Ityoophiyaa ariifittiin itti fuufsiisuuf proojaktoota bu’uuraalee misoomaa keessa ijaarsi hidha haaromsaa tokko tahuu kaasuun proojaktii ijaarsa hidha haaroomsaa hiikaa seenaa fi diinagdee qabaachuu ibsaniiru.
Lagni Abbayaa barootaaf fayidaa tokkoo dhangala’aa kan ture yoo tahu madda humnaaf waggaa 10 dura dhagaan bu’uuraa kan kaa’ame; wayita ammaa ijaarsi isaa gara marsaa xumuratti dhiyaachaa kan jirudha jedhan.
ijaarsi hidha haroomsaa yeroo xumurame dhiyyeessi humna elektrikaa biyyaattii sadarkaa olaanaan foyyeessuun cinaatti biyyoota yaa’a gadiifi biyyoota qaxanaaf misooma humna ibsaan walitti dhufeenya cimaa uumuu danda’uun hiikaa diinagdee olaanaa qabaatas jedhaniiru.
Sosochiifi hirmaannaan ummataa waggootan dabarsine miira jaalala biyyaan guutame,milka’ina hojiiwwan proojaktii hafaniifis cimee akka itti fufuuf waamicha dhiyyeessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.