Milkaa’ina damee qonnaa itti fufsiisuuf fooyyeessi faayinaansii taasifameera-Ministeericha

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)-Damee qonnaan jijjiirama olaanaa galmaa’e itti fufsiisuuf dhiyeessii faayinaansiirratti fooyyessi taasifamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Gufuulee invastimantiiwwan qonnaa guguddaarratti mul’atuu fi kallattiiwwan furmaataarratti waltajjiin marii qaamolee dhimmichi ilaallatuu gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen akka jedhanitti, jijjiiramoota qabatamaa damee qonnaan galmaa’an ibsuun, jijjiiramicha itti fufsiisuuf dhiyeessii faayinaansiirratti fooyyessi taasifameera jedhan.

Invastimantii qonnaarratti gufuulee mul’atan hambisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatus gahee isaanii akka bahatan hubachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ministir Deetaan Damee Invastimantii fi Galtee Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaan gama isaaniin, gahee dameen qonnaa diinagdee keessatti qabaatu guddisuun akka barbaachisu himan.

Mootummaan invastimantii qonnaarratti fooyyessa imaammataa, lafaa, bu’uuraalee misoomaa fi dhiyeessii faayinaansii irratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.

Baankiin Misoomaa Itiyoophiyaas dameen qonnaa gahee guddina damee diinagdeef qabu hubachuun, hammeentaa dhalaa %11.5 irraa gara %7tti hir’isuun abbootiin qabeenyaa damicharratti akka hirmaatan jajjabeessaa jiraachuu Pireezidaantiin Baankichaa Dooktar Yohaannis Ayyaalawu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment