Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2015 (FBC)- Milkaa’ina damee fayyaan galmaa’uuf gaheen Tajaajila Dhiyeessii Qorichootaa Ityoophiyaa olaanaa ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.
Hojmaata Tajaajilaa Dhiyeessii Qorichootaa Ityoophiyaa ammayyeessuu fi saffisiisuuf karoorra qabame keessaa appilikeeshinii ERP jedhamuu tokko ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan waajjiraa pirojektii hundeessuun dhaabbataa dhiyeessaa moosaajii idil addunyaa ‘Siidoor’ jedhamu waliin waliigalteen mallatteeffameera.
Dooktar Liyaa Taaddasaa waliigaltechaarratti haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaan damee fayyaan milkaa’inaalee hedduu galmeessuu ibsanii, milkaa’ina kana dhugoomsuuf gaheen Tajaajila Dhiheessii Qorichootaa olaanaadha jedhan.
Daayrektarri Olaanaa Tajaajilaa Dhiyeessii Qorichootaa Ityoophiyaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloo gama isaaniin, dhaabbaticha Afrikaarraa adda duree taasisuuf pirojektii ‘SMILE’ jedhamuu eegaluu ibsaniiru.
Baajatni pirojektichaas waliigalaan Doolaara miiliyoona 9 yookaan Birrii miiliyona 476 ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.