Miisiyoonichi lammiileen Ityoophiyaa 139 gara biyyaatti akka deebi’aniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC) – Miisiyoonichi  Ityoophiyaanota 139 karaa seeraan ala gara Afrikaa Kibbaatti imaluuf daangaa keeniyaa ce’uun Keeniyaa galan  gara biyyaatti akka deebi’aniif deeggarsa taasisuu ibsameera.

Lammiileen kunneen manneen hidhaa Kiiyaambuu, Giigiirii, Paangaanii, Joogoo, Buurburuu fi Daandooraa keessa baatii 1 hanga 9 kan turan ta’uu ibsamera.

Miisiyoonichi Daayrektoreetii qorannoo yakkaa keeniyaa waliin dhiyeenyatti hojjechaa turuu fi kanaan duras Ityoophiyaanonni dhibbaatamatti lakkaa’aman mana hidhaatii lakkifamanii gara biyyaatti akka deebi’aniif deeggarsa taasisaa turuu ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment