Miirri wal jaalalaa fi walitti dhufeenyi gaariin ummattoota naannolee wal daangeessan biratti uumuun guddina biyyaafis ta’ee tokkummaa biyyattif murteessa ta’uun himame

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC ) – Miirri wal jaalalaa fi walitti dhufeenyi gaariin ummattoota naannolee wal daangeessan biratti uumuun guddina biyyaafis ta’ee tokkummaa biyyattif murteessa ta’uun himame.
Waltajiin Marii Qopheessummaa mana maree federeshiniitiin naannolee Kaabaa fi Lixa Ityoophiyaa hirmaachisuun maagaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamera.
Waltajjii kanarratti Afa-yaa’iin mana maree federeshinii obbo Adam faaraa, Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obboo shimallis Abdiisaa , Preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Aaganyaaw Tashaagar, Preezdaantiin mootummaa naannoo Gambeellaa obbo Umad Ujuluu fi preezdaantoonni naannolee kanneen biroo akkasumas qooda fudhattoonni adda addaa argamaniru.
Waltajjirratti walitti dhufeenyi gaariin naannoleen waliin qaban gumachaa inni guddina fi tokkummaa biyyaaf qabuu kaasun Mariin irratti taasifameera.
Naannoleen martinuu miirri isaan gidduutti jiru miira waldeggaruun waliin guddachuu akka tahus himaneera.
Rakkooleen kanaan dura daangaarratti umamanis akkaataa ittin furmaata argachuun danda’amurratti mari’atemeera.
Waltajjicharratti kan argaman Preezdaantiin.mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa walitti dhufeenyi sabootaa akka cimsuuf hojiileen gargaraa naannoo Oromiyaa keessatti hojjatamaa akka jiru kaasanirru.
Muuxannoon naannoo Oromiyaa kun ammoo naannolee biroof fakkeenya tahuun walitti dhufeenyi fi tokkummaa ummattota akka cimu hojjatamaa akka qabus himameera.
Waltajjii kanarratti waraqaan qorannoo dhiyaachuun mariinis irratti gaggeeffamera.
Naannoleen wal daangeessan waliin hojjachuuf walii galuun tokkummaa biyyatti cimsuuf shoora olaanaa akka qabus waraqaa qorannoon kanaan eerameera.
Naannoo tokko keessatti rakkoon yoo uumame naannoleen wal deggaranii furuun aadaa tahuu akka qabus Afa-yaa’iin mana maree federeshinii obboo Adam Faaraa waltajjicharratti dubataniru.
Rakkoo tokko furuudhuuf karaa sirrii hin taaneen deemurra karaa dhugaa ta’e qofaan furuun furmaata waaraa fiduu waan danda’uuf rakkoolee uumama jiran akkaataa ummattota walitti dhiyeessuu danda’aniin furuun akka barbaachisu himaniru.
Hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiranis miiraa itti gaafatamummaa qabuun Rakkoo furuuf akka qabanis obboo Adam Faaraa himaniru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment