Miira injifannoof fuulduratti imaluun Injifannoo Ityoophiyaa ni labsina– MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Miira injifannoof fuulduratti imaluun Injifannoo Ityoophiyaan ni labsina jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Yeroo itti raafamnutti utuu hin raafamiin darbuun mallattoo cimina biyyoolessaati.

Kallattiiwwan baay’eedhaan qoramaa jirra.

Jabinni keenya qormaaticha ittiin darbinu fedhii waloo imala jalqabne dhugoomsuuf qabnurraa madda jedhan fuula Feesbuukii isaaniin.

Wanti duubatti nuharkisu heddummatus irree jabaadhaan, qalbii kutataafi miira injifannoof fuulduratti adeemuun moo’achuu Ityoophiyaa ni labsina jedhuun ibsan.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment