Miidrook Invastimanti Giruuppi waggaatti Cuuciiwwan miiliyoona 100 ol qonnaan bultootaaf raabsuufi

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC) – Dhaabbanni Miidrook Invastimanti Giruuppi waggaatti Cuuciiwwan miiliyoona 100 ol qonnaan bultootaaf raabsuuf ta’uu beeksise.

Piroojektiin Horsiisa lukkuu bakka Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi Ambaasaaddaroonni, jaarsoliin biyyaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamanitti eebbifamaa jira.

Miidrook Invastimanti Giruuppitti Dhaabbanni Eelfooraa Shaaloo dhiyeessa lukkuu babal’isuun baay’inaan hawaasa qaqqabsiisuuf hojjetaa jiraachuu hojii gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Salamoon Asaffaan dubbataniiru.

Bara Faranjootaa 2025 eegalee torbeen Cuuciwwan qonnaan bultootaaf raabsuun kan eegalamu ta’uu Ogeessi Teeknikaa Eelfooraa Dooktar Daawud Ibraahiim ibsaniiru.

Cuuciwaan kunneen haala qilleensaan kan walbaran ta’uu dubbataniiru.

Kunis sharafa alaa cuuciwwan kunneen biyyoota alaa galchuuf bahaa ture kan hambisu ta’uu eeraniiru.

Maqdas Asfaawu fi Xilahuun Yilmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment