Miidiyaaleen odeeffannoo dhugaa uummataan kan gahanii fi tokkummaa sabdaneessummaa kan eegsisan ta’uu qabu- Mahaammad Idiriis

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) –Miidiyaaleen odeeffannoo dhugaa uummataan kan gahanii fi tokkummaa sabdaneessummaa kan eegsisan ta’uu akka qaban Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Mahaammad Idiriis ibsan.

Miidiyaaleen babal’achuurra darbee odeeffannoo dhugaa uummata biraan gahuu fi tokkummaa sabdaneessummaa eegsisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Daayrektarichi kana kan jedhan konfiransii waggaa miidiyaa fi koominikeeshinii mata duree “ odeeffannoo dhugaa tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun gaggeeffamaa jirurratti.

Yaa’ichaan rakkoo fuulduraaf ammumarraa qophaa’uu fi kan darberraa barumsa fudhachuuf yaadonni ijaarsaa kan ka’an ta’uu dubbataniiru.

Yaa’icharratti Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasa Caafoo dabalatee Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay, Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu fi Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Mahaammad Idiriis argamaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment