Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC)- Miidiyaaleen idil addunyaa duula sobaa gaggeessaaniin kan yaadan hin milkoofnee jechuun Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin iibsaniiru.
Ambaasaaddarichi ibsa torbee laataniin, dhaabbileen miidiyaa idil addunyaa dhimma Ityoophiyaa ilaalchisee odeeffannoo sobaa tamsaasaa turaaniin kan isaan yaadan hin milkoofnee jedhaniiru.
Yeroo amma kanas kallattiiwwan garagaraatin duulli odeeffannoo sobaa Ityoophiyaarratti dhiyaata jiru miidayalee biyyaa keessaatiin fashala’uu akka qabuus Ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Dhimmi nageenyaa Ityoophiyaa ajandaa yeroo maraati kan jedhan dubbi himichi, fedhii gama mootummaa turee jiru walfakkataadha jedhaniiru.
Labsii yeroo aarifachiisaa ilaalchisee dippiloomaatoota biyya alaatiif ibsi dhiyaachuu ibsichaan kan kaasaan Ambaasaaddar Diinaan, mariiwwan garagaraa dhaabbilee idil addunyaa fi bakka buutoota biyyoota garagaraa waliin taasifamuu ibsaniiru.
Addisuu Mulunaahtu gabaase
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.