Miidiyaaleen hawaasaa olola facaasaa jiran akka dhaaban mootummaan hubachiise

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) –Raayyaan Ittisa Uummata Amaaraa diina taasisee socho’aa akka jiru fakkeessuun Miidiyaaleen hawaasaa olola sobaa facaasaa jiran gochicharraa akka of qusatan mootummaan hubachiiseera.

Raayyaan Ittisaa nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf wareegama kaffalaa turuu fi har’as kaffalaa jiraachuu hubatamuu akka qabu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Daldaltoonni siyaasaa seenaa gaarii, duudhaa fi wareegama raayyichi kaffale gurraachisuun ummata Amaaraa biratti shakkiin akka uumamu olola sobaa facaasaa jiranirraa akka of qusatan akeekkachiisaniiru.

Hojii Raayyaan Ittisaa naannichatti olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetaa jiru gufachiisuuf duulli guddaan gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Qaamoleen kunneen fedhii diinagdee dhuunfaa isaanii milkeessuuf hojjechaa kan jiran yoo ta’u, tokko tokko ammoo abjuu aangoo barootaaf fedhaa turan milkeessuuf dhama’aa jiraachuu ifatti mul’isuu eegaluu Dooktar Laggasaan himaniiru.

Raayyaan Ittisaa nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf wareegama kaffalaa turuu fi har’as kaffalaa jiraachuu hubatamuu akka qabu ibsaniiru.

Ummanni naannichaa hundi Raayyaa Ittisaa cinaa ta’uun garee saamtootaa fi finxaaleyyii qolachuu akka qaban gaafataniiru.

Humnoonni kunneenii fi gareewwan isaaniin bobbaafaman oduu fi odeeffannoo dogongoraa facaasuun sochii raayyaa ittisa biyyaa gufachiisuun rakkoo naannicha keessatti mudateef itti gaafatamummaa akka qaban hubachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo:
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment