Miidiyaaleen hawaasaa maqaa Letanaal Jenaraal Ababaw Taaddasaa fi Letanaal Jenaraal Baacaa Dabaleetiin baname hin jiru-Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC)- Miidiyaaleen hawaasa maqaa Letenaal Jenaraal Ababaw Taddasaa fi Letanaal Jenaraal Baacaa Dabaleetin banamee akka hin jirree Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksise.

Fuulli Feesbuukii maqaa Letanaal Jenaraal Ababaw Taaddasaa fi Letanaal Jenaraal Baacaa Dabaleetiin banamuun odeeffannoo sobaa tamsaasaa, ummata burjaajeessaa jiru kan sobaa ta’uu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksiseera.

Jenaaraloonni olaanoo lameen kunneen fuula Feesbuukii maqaa isaaniitiin kan hin qaben ta’uu mirkaneessuun,ummannis akka hin burjaajoofnee Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa hubachiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment