Miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi tokkummaa lammiilee cimsuuf itti gaafatamummaa dachaa qabu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi tokkummaa lammiilee cimsuu keessatti itti gaafatamummaa dachaa akka qaban Ministeerri Dhimma Alaa ibse.
Ministeerrichi faadiyaa biyyaalessaa fi Naamusa gaazexessummaarratti Ogeeyyii miidiyaaleef leenjii kenneera.
Daayrektarri Olaanaan Inistiityuutii Ministeera Dhimma Alaa Obbo Jaafar Badiruun, miidiyaan meeshaa imaammanni alaa biyyootaa ittiin milkaa’u keessaa ijoo ta’uu himaniiru.
Kessattuu maqaa biyyaa ijaaruu keessatti miidiyaaleen shoora ijoo qabaachuu eeraniiru.
Yeroo ammaa olola Itiyoophiyaarratti gaggeeffamu qolachuun gabaasa madaalawaa dhiyeessuu fi haqa jiru hawaasa addunyaaf beeksisuu keessatti qooda irraa eegamu akka bahan dhaamaniiru.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Obbo Nabiyyuu Tadlaan gama isaaniin miidiyaaleen ragaa qabatamaa fi qulqulluu hawaasa dippiloomaasiif qaqqabsiisuun faayidaalee biyyaaleessaa kabachiisuu keessatti qooda irraa eegamu bahuu akka qaban himaniiru.
Imaammataa fi Tarsiimoo Alaa Itiyoophiyaa haalaan hubachuun hojiilee faayidaa biyyaalessaa mirkaneessanirratti xiyyeeffannaan hojjechuu qabus jedhan.
Miidiyaaleen tarsiimoo fi Imaammata Alaa Itiyoophiyaa bu’uura taasiisuun hojiilee ijaarsa biyyaa hojjechuu akka qaban Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Obbo Kabbadaa Deessisaan leenjicharratti dubbataniiru.
Keessattuu walitti hidhamiinsa Hawaas-diinagdee, Nageenya fi hariiroo ummattootaa cimsuun gabaasaalee maqaa biyyaa ijaaraanirratti xiyyeeffachuu qabus jedhaniiru.
Siifan Magarsaa fi Gammachiis Taarikuutu Gabaase.
Comments (0)
Add Comment