Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC) – Miidiyaaleen waa’ee Hidha Haaromsaarratti odeeffannoo sirrii hawaasaa idil addunyaa biraan ga’uuf qooda irraa eeggamu ba’uu qabu jedhameera.
Waajjirri Mana Maree qindeessaa hirmaannaa ummataa biyyalessaa fi Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa ‘Ga’ee miidiyaalee hidha haaromsaaf’ mata duree jedhuun waltajjii marii gaggeessaniiru.
Raawwii hojii waliigalaa yeroo ammaa hidhichaa fi Guutinsa bishaanii marsaa 2ffaa ilaalchisee tattaaffii taasiifamu keessatti ga’een miidiyaalee maal ta’uu akka qaburratti mari’atameera.
Miidiyaaleen yeroo kamiiyyuu caalaa waa’ee hidhichaarratti hojjechuu akka qaban Daayreektarri olaanaan Waajjira Mana Maree qindeessaa hirmaannaa ummataa biyyalessaa Dooktar Aragaawwii Bariheen hubachiisaniiru.
Dhimmi Hidha Haaromsaa dhimma bilisummaa Diinagdee waan ta’eef miidiyaaleen qabatamaan ga’ee irraa eeggamu ba’uu qabu jedhan.
Guutiinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan gaggeeffamuuf ta’uu isaan tatamsa’ina odeeffannoo dhiibbaa dippiloomaasii to’achuu danda’uu fi tumsi barbaachisaa ta’uu daayreektarri sabquunnamtii ummataa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa obbo Abarraa Wandawasan dubbataniiru.
Hojmaataa fi Adeemsa waloon fayyadamuu Ityoophiyaan qabattee addunyaaf hubachiisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Waltajjicharratti qooda fudhattoonnii fi ogeeyyiin miidiyaa argamaniiru jedhame.
Maddi:- TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.