Miidiyaaleen dagannaa ittisa weerara vaayrasii koroonaa hawaasa biratti muul’atu dadammaqsuu qabu – Dooktar Abiy

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad miidiyaaleen dagannaa ittisa weerara vaayrasii koroonaa hawaasa biratti muul’atu dadammaqsuu qabu jedhan.

Fayyaa keenyaaf bakka guddaa haa laannu jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.

Oduun har’a ETV irratti arge jiraattonni Magaalaa Finfinnee haguugduu afaanii fi funyaanii COVID-19 ittisu fayyadamuurratti dagannaa olaanaan jiraachuu muul’isa jedhan.

Dhaabbileen sabqunnamtii dagannaa hawaasaa akkanaa wayita muul’atu uummata dammaksuun isaanii barbaachisaadha.

Namoota yeroo hunda haguugduu afaaniifi funyaanii fayyadamuu irraanfaaniif ergaa gaarii ta’uu ibsan.

Haguugduu afaaniifi funyaanii godhachuun keenya ofii keenyaafidha jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment