Miidiyaaleen biyyoota lixaa tokko tokko waa’ee Ityoophiyaa gabaasa madaalawaa hin taanee gabaasu- Fraancheeskaa Roochiin

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Miidiyaaleen biyyoota lixaa tokko tokko waa’ee Ityoophiyaa gabaasa madaalawaa hin taanee gabaasu jette gaazexeessituun xaaliyaanii Fraancheeskaa Roochiin.

Fraancheeskaa Roochiin turtii Faanaa Broodkaastiing koorporeet waliin taasisteen gabaasaaleen miidiyaalee lixaa garee shororkeessaa ABUTiif kan loogan ta’uu kaasteetti.

Gabaasni isaanii haala qabatamaa biyyattii fi yaada qaamolee lameenii haammachuun akka irra ture ibsiteetti.

Gabaasni CNN Finfinneen to’annoo ABUT jala galuufi jechuun gabaasee ture haala qabatamaa jiruun loogummaa dhaabbatichaa fi miidiyaalee biyyoota lixaa akkasumas oduu sobaa miidiyaawwan kanneeni kan ifa baase ta’uu eerteetti.

Odeeffannoon miidiyaaleen biyyoota lixaa dhimma Ityoophiyaarratti dabarsan dogoggoraa fi garee tokkoof kan loogu ta’uu kaasuun odeeffannoo mootummaan dhiyeessuuf dabsuun kan jedhameen ala kan dhiyeessan ta’uu ibsiteetti.

Hawaasni idil addunyaa haala yeroo biyyaalessaa Ityoophiyaa ilaalchisee odeeffannoowwan gama miidiyaalee kanneeniin darban hunda akka jirutti fudhachuurra akkamitti jedhee gaafachuu fi odeeffannoo sirrii barbaaduu akka qabu ibsiteetti.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment