Miidiyaaleen ABUT cina dhaabbatan walitti bu’iinsicha babal’isaa jiru-Alistar Toomsan

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Dhaabileen miidiyaa idil addunyaa tokko tokko gabaasa dogoggoraa walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti itti fufe, caalaatti walxaxaa taasisaa jiraachuu Gaazexeessaa fi Xinxalaan Siyaasa Quubsumaa Alistar Toomsan ibse.

Miidiyaaleen haala karoorfameen garee ABUT’f kan looganii fi hawaasni addunyaas odeefffannoo qulqullaa’aa akka hinqabaanne akka taasisaan gaazexeessichi turtii FBC waliin taasiseen kan hime.

Gama deeggartoota, hoggantootaa fi loogdota garichaatiin gabasaa fi odeeffannoo dogoggooraa waa’ee walitti bu’iinsichaa duula miidiyaan hawaasa addunyaa dogoggorsaa jiraachuu, walitti bu’iinsichaaf ABUT itti gaafatamaa akka ta’ellee akka hingabaasne taasisuu ibseera.

Fakkeenyaaf Tigiraayitti loltoonni homtuu wayita hinturretti “Tigiraayitti, duguggaan sanyii gaggeeffamaa jira” jechuun duulli miidiyaalee hawaasummaa fi Tiwiitaraa gaggeeffamuu yaadachiiseera.

Bara Faranjootaa 2021 ABUT cina hiriiruun “Qaamaa namoota lagaa naannawaa daangaa Sudaan keessatti lubbuun isaanii darbee” fi gabaasa dogoggoraa hojjechuun hawaasa addunyaaf tamsaasuun olola karoorfame keessa tokko ta’uu Alistra toomsaan ni ibsa.

Gabaasichaan booda odeeffannoo baheen garuu akka jedhame utuu hintaane, qaamni namootaa akka yeroo dheeraaf turutti, pilaastikaan maramee keemikaalaan awwaalamuu kan saaxileedha jedha.

Waraanni marsaa 3ffaan erga eegalee guyyoota sadiin booda gareen ABUT mootummaan oolmaa daa’immanii haleeleera jechuun gabaasa tamsaasame mirkaneessuuf, miidiyaan tattaaffii taasise akka hinjirre taajjabuu ibseera.

Odeeffannichi haleellaa naannawaa mana jireenyaa Dura Taa’aa garechaa Dabiretsiyoonitti raawwateetti garechaan tamsaafamuu yadachiiseera.

Ta’us ragaalee jiran hunda toora Tiwiitaraarraa akka haqanii fi haleellaan boombicha naannawaa hospitaalaatti kan raawwate ta’uu gabaasa ibsu akka baasaan FBC’f qoodeera.

ABUT soba waliin kan walsimatee fi soba malee jiraachuu akka hindandeenye miidiyaaleen idil addunyaa hubachuu qabu jedheera.

Garecha cinaa kan hiriiran kanneen akka Keejeetiil Tiroonvool, Maartiin Pilaawut, Aleeksi Da Wal, Rashiid Abdii fi kaneen biroo bakka bu’ootaa tamsaastota oduu sobaa fayyadamuun beekama jedha.

Kun ammo Ityoophiyaa kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti rakkoolee jiranii fi gadadoo namootaa kan babal’isu malee akka hintasgabbeessine ibseera.

Miidiyaaleen garee shorokeessaa ABUT’f loogan yakkoota raawwataman saaxiluu dhabuun caalmatti ummata Tigiraayiin akka miidhu hubachiisa.

Sababa gabaasaa fi odeeffannoo dogoggoraa idil addunyaatiin gareen shororkeessaa waraanicha akka dhaabu taasisuu dhabuu akkasumas, garechi ummata Tigiraayiin dirqamsiisee daa’immaan loltummaaf umriin isaanii hingeenye waraanaaf hiriirsuu itti fufuu ibseera.

Wandasan Araggaahaanyii fi Alamaayyoo Garramuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment