Miidiyaalee Elektirooniksii 10f eeyyamni laatamuufi

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Bara haaraa kanatti Miidiyaalee Elektirooniksii 10f eeyyama laachuuf akka ta’e Abbaan Taayitaa Broodkaastiing beeksise.

Bara haaraa kanatti miidiyaalee eeyyama fudhachuuf caalbaasii moo’atan keessaa 3 Buufata Raadiyoo FM ta’u daayreektarri olaanaan Abbaa taaytichaa Dooktar Geetaachaw Dinquun dubbataniiru.

Akkasumas buufatalee ulaagaalee guutuun eeyyama Saatalaayitii gaafataniif battalumatti ni laatama jedhan.

Eeyyamni kan kennamu fedhii jiruu fi dambalii qilleensaa muraasa jiru wal simsiisuun akka ta’e eeraniiru.

Miidiyaalee maxxansaaf fedhii bu’ura godhachuun eeyyama  laachuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Dooktar Geetaachaw ibsaniiru.

Rakkoo adeemsaa miidiyaalee biratti muul’atu tasgabbeessun damicha gara fuuladuraatti tarkaanfachiisuuf miira itti gaafatamummaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Abbaan Taaytichaa bara 2012 keessaa buutalee Raadiyoo FM 3f eeyyama laachuun isaa kan yaadatamuudha.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment