Miidiyaa cimaa Afrikaan barbaadu dhugoomsuuf waliin hojjechuu barbaachisa- Gaazexeessitoota

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Miidiyaa cimaa Afrikaan barbaadu dhugoomsuuf waliin hojjechuu barbaachisaa ta’uu gaazexeessitoonni yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaatan ibsan.

Haqa Afrikaa fi heddumana eenyummaashee addunyaatti beeksisuuf miidiyaa cimaan hundeeffamuu akka qabu barreessaan Miidiyaa Afrikaa 24 Ahimad Ibraahimii fi gabaasaan  CGTN Giruum Caalaan turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Yaada Paan Afrikaaniizimii dhugoomsuu fi Afrikaanota gara waltumsuutti fiduuf miidiyaan cimaan eegamu ga’ee murteessaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

OBN Horn of Africarratti eeditara Afaan Arabaa kan ta’e Mahaammad Shaafii fi Miidiyaa Piraaymitti gabaastuun Afaan Ingiliffaa Lidat Mul’ataa duudhaalee Afrikaa sadarkaa olaanaan beeksisuu fi dhiibaa alaa gama damichaan jiru qolachuuf Miidiyaa Cimaa Afrikaa ariitiin gara hojiitti galchuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment