Miidhamtoota deebisanii dandamachiisuuf deeggarsa ni taasisna-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)-Afyaa’iin Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti balaa ibiddaa ‘Giddugala gabaa Ashawaa’tti mudateen lammiilee miidhaman daawwataniiru.

Mancaatii giddugalichaarra ga’een gaddaa itti dhaga’ame kan ibsan Obbo Taaggasaan, adeemsa miidhamtoota deebisanii dandamachiisuu taasifamaa jiruun bulchiinsa magaalichaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa akka taasisan beeksisaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalattii Obbo Kadiir Juhaar gama isaaniin miidhaa balichaan qaqqabe fi miidhamtoota deebisanii dandamachiisuuf hojiilee hojjetamaa jiran, adeemsa deeggarsa walitti qabuu ilaalchisee ibsa taasisuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment