Finfinnee, Sadaasa 1, 2017 (FBC)- Miidhaginni umamaa Haroo Basaqaa ifa ba’e bu’aa cichoomina mul’ata biyyaa hinreeqqifnee fi tarkaanfii kaayyoorra maddeeti jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Seenaa boodatti hafummaa keesumaa rakkoo dinagdee irraa maddu maqsuuf Mootummaan jijjiiramaa tarkaanfii jajjabaa fudhachaa ariitiin socho’aa jiraachuu himan.
Bu’uuruma kanaan, galma dinagdee damdaneessa ijaaruuf qabameen, seektarri tuuriizimii akka toora xiyyeeffannoo tokkootti qabamee jijjiirama ariifataa galmeessisaa jira jedhan.
Seektarri tuuriizimii damee humna olaanaa qabuu fi bu’aa guddaa biyyaaf argamsiisuu danda’u ta’us barootaf xiyyeeffannoo osoo hinargatin turuu yaadachiisaniiru.
“Imaammanni sadarkaa olaanaa Looreetii Nagaa Addunyaa fi Ministira Muummee keenya Dooktar Abiy Ahimadiin bocame erga hojiitti galee raawwii ajaa’ibsiisaan, faayidaa biyyi keenya gama kanaan argachuu qabdu kan dhugoomsu baldhinaan hojjatameera; hojjatamaas jira” jechuun ibsaniiru.
Qajeelfamaa fi yaada Dooktar Abiy Ahimadiin Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaalleetti miidhaginni uumamaa naannawaa Haroo Basaqaa dhokatee ture ifatti baheera jedhan.
Raawwiin kun bu’aa cichoomina mul’ata biyyaa hinreeqqifnee fi tarkaanfii kaayyoorra madde ta’uukaasuun fuuldurattis rakkoolee bu’uuraa biyyattiif furmaata bu’uuraa fiduun, badhaadhina dhugoomsuuf cichoominaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.
Hoggansa fi qaamolee hojii eebbifamaa kana milkeessuuf gumaacha taasisan hundaas galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia