Baasii miidhaginaa hir’isuu dhabuudhan torban heerumtetti gaa’ela ishi diigde

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Lammiin Jaappaan baasii miidhaginaaf baastu hir’isuu didde torban heerumtetti gaa’ela ishi digde.

Kaatoo Saarii shamarreen umrii waggaa 29ti.

Baasiin isheen miidhaginaaf baastu heddummaachuu isaatin torban heerumtetti gaa’ela ishee diigde.

Kaatoo Saariin jireenya qaalii kan jiraattuu fi uffata ammayyaa’aaf jaalala akka qabdutu himame.

Bara Faranjoota 2019 baatii Caamsaa Kaatoo Saarii fi namni dhuunfaa maqaan isaa hin dhahamnee fi ijaarsa manaa irratti bobba’e gaa’ila dhaabbataniit turan.

Erga walitti dhufanii gaa’ilaan dura baatii 3 fi guyyaa 15 keessatti Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 9.1 akka baase himeera.

Kun yaa ta’u malee abbaan warraa ishii gaa’elli isaanii akka itti fufu ni barbaada ture.

Baayyinni baasii ishee isa yaaddessuun, baasii kee hiri’isi jedhaan.

Isheen garuu yaada isaa fudhachuuf eeyyamamtuu hin taane jedhameera.

Kaatoon yaada abbaa warraashee fudhachuu dhabuun, gaa’elashee diigdetti.

Maddi:- Oodiitiiseentiraal

Comments (0)
Add Comment