Miidhaan koorniyaa dubartii tokkorra ga’u dubartoota hundarra akka ga’eetti ilaallamuu qaba – Pr. Saahilawarq

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Miidhaan koorniyaa dubartii tokkorra ga’u dubartoota hundarra akka ga’eetti ilaallamuu qaba jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee.
 
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen giddugala tursa dubartootaa daawwataniiru.
 
Wayita daawwannaa isaanii erga dabarsaniin Miidhaan koorniyaa dubartii tokkorra ga’u dubartoota hundarra akka ga’eetti ilaallamuu qaba jedhan.
 
Ityoophiyaatti miidhaan dubaartootaa fi daa’imman irra ga’u daraan rakkisaa fi xinsammuuf kan ulfaatu ta’u dubbataniiru.
 
Erga weerarri vaayrasii koroonaa muul’ate as dubartoota 101 irratti yakki gudeeddii raawwachuun isaa baayy’ee kan nama naasisuudha jedha.
 
Keessattuu dubartoonni umriin xiqqaa ta’an abbaa, obboleessaa fi ollaan gudeedamuun waan xinsammuu isaanii daraan miidhudha jedha.
 
Dubartoonni umrii waggaa 13 lama tokko obboleessaan, isheen tokko ammo ollaan dirqiin gudeeddamuu fi isheen tokko abbaa isheen gudeeddamuu ibsaniiru.
 
Yakki akka kanaa dubartoota biroorra akka hin geenye qaamni hundi dura dhaabbachuu qaba jedhan.
 
Dubartoonni umriin isaanii hin geenye dhiibbaa maatii fi hawaasaan irraa ga’u cabsuun gara buufaata poolisitti dheeffuun isaanii kan dinqisiifatamu ta’uu kan ibsan Preezdaant Saahilawarqi giddugalli tursa dubartoota banamuun faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.
 
Dhiibbaa dubartoota irraa ga’u hundeerraa gogsuuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu ergaa dhaamaniiru.
 
Dubartoota miidhaan irra qaqqabe kanneen jireenya isaanii gara fuulduraa mijeessuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisa jedhan.
 
Dagannaa tokko malee miidhaa koorniyaa dubartootarra ga’u ittisuuf irree tokkoon hojjechuun murteessaa ta’uus ibsaniiru.
 
Qaamoota yakka akka kanaa raawwatan seeratti dhiyeessuun adabbii barsiisaa ta’e akka argataniif hojjetamuu qabas jedhan.
 
Barmaatileen duubatti hafaan hawaasa bal’aa bira jiru jijjiirramuu akka qabus eeraniiru.
 
Qaama dubartii dirqiin gudeedu, umrii malee heerumsiisuu fi miidhaa koorniyaa biroo qaqqabsiisu dura dhaabbachuu fi mormuun dirqama ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
 
Dhaabbileen mirga dubartootaaf falman,ogeeyyiin seeraa fi qaamooleen siyaasaa mirga dubartootaa kabachiisuuf shoora guddaa taphachuu akka qaban dhaamaniiru.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan manneen barnootaa cufamuu isaan naannoo tokko keessatti qofa dubartoonni 500 umrii malee ga’eela raawwataniiru jedhame.
 
Sirna gaa’eela dubartoota kuma 1 fi 500 hambisuun danda’amuu ibsameera.
 
Miidhaan dubartii tokko irraa ga’u dubartoota hundarratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisa jedhan Preezdaant Saahilawarq.
 
Miidhaan dubartootarra ga’u hanga dhaabbatuutti guyyoota 365 itti fufiinsaan hojjechuun murteesaa ta’uu ibsaniiru.
 
Dhukkubbiin qaamaa fi xinsammuu dubartoota dirqiin gudeeddaman irra ga’u daraan hadhaawwadha, kanaaf hawaasni hundi walqixa quuqqamuu qaba jechuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa agrame ni muul’sa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment