Miidhaan hospiitala Dasseerratti raawwate gara jabina daangaa hin qabne garee ABUT ta’us, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa callisuu filateera-Ambaasaaddar Taayyee

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) –Naannoo Amaaraa hospiitala Dasseerratti miidhaa gareen shororkeessaa ABUT raawwatee gara  jabina daangaa hin qabne ta’uu ifaatti ni mirkaneessaa jechuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasilaaseen ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi barreeffama fuula Twiitara isaaniirratti katabaniin, gareen shororkeessaa kun hospitaalicha sadarkaa olaanaa barbadeessuu gochaa badii yoomiyyuu dhiifama kan jedhamnee yakka cimaadha jedhaniiru.

Gocha gareen kun raawwateefis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa callisuun isaa fudhatamaa kan hin qabneedha jedhaniiru.

ABUT iddoowwan weeraree naannoo Amaaraa fi Affaariitti dhaabbilee fayyaa barbadeessuun miidhaa amanuun hin danda’aamne qaqqabsiisuu isaaf hanga ammatti dhaabbanni fayyaa addunyaa callisuu filateera jedhan.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment