Miidhaan Foolii fi Aarri Warshaa Simmintoo Kuyyuu keessaa ba’u qaqqabsiisu dabalaa jiraachuu jiraattoonni komatan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Foolii fi Aarri warshaa Simmintoo Kuyyuu keessaa ba’u miidhaalee garaagaraa qaqqabsiisuu itti fufuu jiraattoonni Aanaa Kuyyuu komatan.

Warshaan Simmintoo Kuyyuu warshaa quuqama hawaasaa hin qabne warshaa faayidaa dhuunfaaf jecha hawaasa bal’aa miidhurratti bobba’e jedhan jiraattoonni aanaa Kuyyuu fi magaalaa Garba Gurraachaa.

Waggootaaf Qaama dhimmi ilaallatu hundaaf komii kana dhiyeessaa turanis hanga ammaatti furmaata argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Faanaa Biroodkaastiing Korporeeti baatii tokkoon dura komiin ummataa kun maaf furmaata dhabe jechuun Abbaa Taayitaa Eeggumsa Naannoo Oromiyaaf gaaffii dhiyeesseen hanga Guraandha 30, 2015tti furmaata waaraa kan argatu ta’uu Abbaan taayitichaa ibsee ture.

Yaa ta’uutii miidhaan warshichi qaqqabsiisu caalmaatti cimee itti fufuu jiraattoonni ibsaniiru.

Warshichi hanga Guraandhala 30, 2015tti akka sirreessu kallattiin kaa’ameefii turuu fi akkaatuma kallattiin waan hedduu sirreessuu isaa bakka Bu’aan Daayrektara Daayrektoreetii To’annoo fi Hordoffii Hojiirra Oolmaa seerota Eeggumsa Naannoo Abbaa Taayitaa Eeggumsa Naannoo Oromiyaa Obbo Caalii Ayyalee deebii FBCf himaniiru.

Warshichi akkaatuma waliin galteen wantoota baay’ee sirreessuu fi ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Eeggumsa naannoo aanichaas sirreeffamni jiraachuu nuuf mirkaneessaniiru jedhan.

Yaa ta’uutii akkaataa furmaata waaraa ta’uun sirreessuu isaa mirkaneessuuf yeroo dhiyootti qaaman argamnee kan qulqulleessinu ta’a jedhan Obbo Caaliin.

Warshichi waan tokko tokko sirreessuuf yaaliin taasise jiraatus rakkichi furmaata hin arganne jedhan Dursaan Garee Eeggumsa Naannoo Abbaa Taayitaa Eeggumsa naannoo Aanaa Kuyyuu Obbo Tolasaa Abbabaan.

Akka jedhame dabaaluu baatus rakkichi itti fufuu Obbo Tolasaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment