Miidhaa Xinsammuu ABUT dubartootaa fi daa’immanirraan ga’e dandamachiisuuf hojjetamaa jira – Ministeera Dhimma Durtootaa fi Hawaasummaa

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) – Miidhaa Xinsammuu gareen shororkeessaa ABUT dubartootaa fi daa’immanirraan ga’e dandamachiisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Durbatootaa fi Hawaasummaa Aadde Muunaa Ahimad ibsan.
Gareen shororkeessaa ABUT haala safuu fi duudhaa Ityoophiyaan ala ta’een daa’immanii fi dubartoota gudeeduu, reebuu fi ajjeessuu Aadde Muunaa Ahimad turtii Faanaa Broodkaastingi Korporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.
Iddoolee garichi weeraree turetti meeshaalee tajaajila dubartootaa fi daa’immanii barbadaa’uu, daa’imman qe’ee isaanirra buqqa’uun dhamaatii hedduuf saaxilamuu ibsaniiru.
Sababa kanaan kutaaleen hawaasaa miidhaa xinsammuu hamaaf saaxilamuu Aadde Muunaa Ahimad eeraniiru.
Miidhaa qaqqabe yaaluuf Manni hojichaa ogeeyyiin deeggaramuun deeggarsa xinsamuu garaagaraa taasiisaa jiraachuu himaniiru.
Mootummaan iddoolee garicha jalaa bilisoomaanitti dhaabbilee tajaajilaa barbadaa’anii turan hojiitti deebisaa jiraachuu eeruun, dhaabbileen akka Manneen Barnootaa fi Tajaajila Fayyaa haala dubartootaa fi daa’immaan tilmaamama keessa galcheen dursa laachuun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Yeroo ammaa namoonni miiliyoonni 4 rakkoof saaxilaman jiraachuu fi kutaalee hawaasaa kanneen keessaa dubartoonnii fi daa’imman hedduu ta’uu kaasaniiru.
Hireen biyyaa kan murtaa’u kutaalee hawaasaa kanaan ta’uu isaa hubachuun dubartootaa fi daa’immaan sababa waraanaan miidhaman kanneen deeggaruuf qaamni hundi hirmaannaa taasiisuu akka qabu gaafataniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment