Miidhaa Vaayrasiin Koroonaa geessisu ittisuuf qophiin duraa murteessadha – MM Abiy

Finfinnee, Bitootessa 6, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amurratti Jaak Maa waliin mar’atan.

Miidhaa fayyaa vaayrasiin koroonaa Afrikaatti qaqqabsiisu ittisuuf qophiin duraa murteessaa ta’uu mari’ataniiru.

Muumeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad tatamsa’ina vaayrasii koroonaa haala ittisuun danda’amurratti ganama har’aa hundeessaa dhaabbata Aliibaabaa, Jaak Maa waliin mari’ataniiru.

Jaak Maan meeshaalee qorannoo vaayrasii koroonaaf oolu kuma 10 – 20 fi maaksoota kuma 100 ol Ityoophiyaa waliin ta’uun biyyoota Afrikaaf rabsuuf filachuu isaanii Dooktar Abiy dinqisiifataniiru.

Deeggarsi kun namoota dhibichaan miidhaman kunuunsuuf meeshaalee fi qajeelfamoota barbaachisan kan of keessatti qabateedha jedhame.

Vaayrasii kana ittisuuf meeshaalee kanneen ogummaa fayyadamuun hojiirra oolachuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Abiy fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment