Miidhaa Simbirroo Girrisaan ga’uuf furmaanni akka kennamuuf Qonnaan Bultoonni gaafatan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Qonnaan bultoonni Godinaa Harargee Bahaa Aanaa Baabbilee fi Gursum miidhaa Simbirroo Girrisaan qamadii misoomsanirraan ga’aa jiruuf furmaanni akka kennamuuf gaafatan.
 
Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu hojii misooma qamadii Bonaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbilee fi Gursumitti daawwataniiru.
 
Daawwannichaarratti Obbo Geetuun, hojii misooma qamadii Bonaa baranaa Aanaalee Gammoojjii fi horsiisee bultootaa dabalatee godinaalee hundatti haala gaariin misoomaa jiraachuu ibsan.
 
Qonnaan bultoonni Aanaa Baabbilee fi Gursumitti qamadii misoomsaa jiran irraa fayyadamoo ta’uuf kunuunsaa taasisaa jiraachuu kaasuun, simbirroon midhaan misoomsanirraan miidhaa geessisaa waan jiruuf furmaanni akka kennamuuf gaafataniiru.
 
Simbirroo mala aadaatiin ittisuun kunuunsa midhanii taasisaa jiran cimsanii akka itti fufanii fi kan humna ol ta’e xiyyaaraan ittisuuf kan hojjetamu ta’uu Obbo Geetuun eeraniiru.
 
Muuxannoo misooma qamadii Bonaarratti argame kana qindeessuun ciminoota jiran jajjabeessuun hanqinoota simbirroo girrisaa yeroon to’achuurratti kan hojjetamu ta’uu Obbo Geetuun himuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment