Miidhaa Shaneen ummatarraan ga’aa jiru hambisuuf hojjetamaa jira – Komishinii Poolisii Oromiyaa

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Miidhaa gareen Shororkeessaa Shanee ummatarraan ga’aa jiru hambisuuf hojjechaa jiraachuu Komishiniin Poolisii Oromiya beeksiise.

Qaamoleen nageenyaa fi mootummaa miidhaa gareen Shanee hawaasarraan ga’aa jiru qolachuuf wareegama olaanaa kaffalaa jiraachuu Itti aanaan Komishinaraa fi itti gaafatamaan damee qorannoo yakkaa fi haqa kennisiisaa Girmaa Galaan ibsaniiru.

Garichi naannoo Oromiyaa iddoolee garaagaraatti miidhaa sukaneessaa hawaasarraan ga’aa jiraachuurra darbee dhaabbilee mootummaa fi bu’uuraalee misoomaa barbadeessaa jiraachuu ibsa laataniin himaniiru.

Miidhaan lammiilee nagaarra ga’u haala kaan itti fufuu hin qabu kan jedhan Itti aanaan Komishinaraa fi itti gaafatamaan damee qorannoo yakkaa fi haqa kennisiisaa Girmaa Galaan, qaamoleen nageenyaa wareegama barbaachiduuf qophii ta’uu eeraniiru.

Hoggantoonni siyaasaa fi humnoonni nageenyaa tattaaffii hanga ammatti taasiisaa turan cimsuun rakkicha waraan furuuf waloon hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Rakkicha waraan furuuf tattaaffii taasiifamu hawaasni mootummaa fi qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa baratame akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.

Afawarq Alamuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment