Miidhaa Hongeen Beelladootarraan ga’u qolcahuuf hojjetamaa jira – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee,Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Miidhaa Hongeen Beelladootarraan ga’u qolcahuuf Jallisii Boneen nyaanni beellatootaa oomishamaa jiraachuu Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad ibsan.
Hongeen naannichatti iddoolee garaagaraatti muudate miidhaa hamaa osoo hin qaqqabsiisuun damee hedduun hojiin ittisaa hojjetamaa jiraachuu obbo Musxafeen Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Haaluma kanaan hongicha hordofee miidhaa Beelladootarraa qaqqabu qolachuuf Jallisii boneen nyaanni Beelladootaa oomishaa jiraachuu kaasaniiru.
Keessattuu godinaalee Shabalee fi Daawaatti Bishaan lagaa fayyadamuun gosoonni biqiltuu nyaata looniif oolaan oomishamaa jiraachuu eeraniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment