Miidhaa Geejjibni Baaburaa qaqqabsisuuf beenyaan kaffalamu adeemsa seeraan qofa akka raawwatamu waliigalame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2017 (FBC) – Miidhaa Geejjibni Baaburaa qaqqabsisuuf beenyaan kaffalamu bu’uura labsii Geejjiba Baaburaan qofan akka raawwatamu waliigalamuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Waldaa Aksiyoonaa Baabura Itiyoo Jiibuutii Injinar Taakkalaa Uumaan ibsan.

Naannolee Daandiin Baaburaa keessa qaxxaamu keessatti miidhaan qaqqabee qabeenya ykn qabeenya socho’aa ta’eef yeroon beenyaan itti kaffalame seenaan galmaa’ee hin jiru, seeraanis hin kaa’amne jedhan Injinar Taakkaleen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Yaa ta’uutii waggoottan muraasa darban waldichi Birrii miiliyoona hedduu seera malee beenyaaf kaffalaa turuu himaniiru.

Kaffaltii beenyaa seeraan ala ta’e kana dhaabuu fi karaa seeraan qofa akka kaffalamuuf hoggantoota naannolee dhimmichi ilaallatu waliin mariin taasiifamuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa, Naannoo Afaar, Somaalee fi Oromiyaa waliin kaffaltii beenyaa bu’uura dambii Geejjiba Baaburaa qofaan kaffaluuf waliigalamuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment