Miidhaa dubartootaa fi daa’iimma irra ga’uu ittisuuf tattaaffii taasiifamu keessatti qaamni hunda ga’ee isaa ba’uu qaba jedhame

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Miidhaa dubartootaa fi daa’iimma irra ga’uu ittisuuf fi deebii laachuuf tattaaffii taasiifamu keessatti qaamni hunda ga’ee isaa ba’uu qaba jedhame.

 

Abbaa Alangaa waliigatti qopheessumma Waajjira Seekreetariyaatii Haqa dubartootaa fi daa’immaniin miidhaa dubartootaa fi daa’imman irra qaqqabu ittisuu fi deebii laachuu ilaachise Koree qindeessaa biyyaalessaa dhaabbichaa kan ta’e hoggantoota olaanoo walii mariin gaggeeffameera.

 

Maricharratti Abbaa Alangaa Waliigalaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos dabalatee hoggantoonni olaanoon  koree Qindeessa biyyaalessaa fi kanneen biroo argamniiru.

 

Sarbama mirga namoomaa dubartootaa fi daa’imman irra ga’u hambisuu qaamoleen hundi dirgama isaanii ba’uu qabu jedhame.

Sababa gochaa irratti raawwateen rakkoolee xinsammuu, fayyaa, hawaasummaa fi diinagdee dubartootaa fi daa’imman irra ga’e keessaa baasuu fi deebisaanii dhaabuuf qaamni hundi dirqama isaa ba’uu akka qabu eerrameera.

Miidhaa hunde jabeeffatee fi babal’ate kana ittisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan fudhachuuf koreen qindeessa biyyaaleessa dhaabbilee 19 irraa walitti babba’e hundaa’uun gara hojiitti galuu ragaan Abbaa Alangaa Waliigalarraa argame ni agarsiisa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment