Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Yeroo waraanaa miidhaa diinagdeerra ga’e bayyanachiisuuf hojimaata haaraa hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu hayyoonni diinagdee ibsan.
Yuunvarsiitii Siiviil Sarvisii fi Yuunvarsiitii Jimmaatti barsiisotaa fi qorattoota diinagdee kan ta’an gargaaraa Proofeesaraa Kaasaa Tashaagarii fi Dooktar Makonnin Boggaalaa turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin filannoowwan jiran haalaan fayyadamuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Damee qonnaa haala fooyya’aa ta’een deeggaruunii fi abbootii qabeenyaa jajjabeessuun si’aayina diinagdeef hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Dameen dhuunfaa biyya kufaatiirraa baraaruuf dirqama lammummaa ba’achuun akka irraa eegamu Yuunvarsiitii Walqixxeetti barsiisaan diinagdee Dooktar Kadir Abdoo ibsaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.