Miidhaa bulchiinsaa qaamolee hojii raawwachiisaniin ga’an furuuf adeemsa taasiifamu gufuun quunnamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Miidhaa bulchiinsaa qaamolee hojii raawwachiisaniin ga’an furuuf adeemsa taasiifamu gufuun quunnamuu Dhaabbanni Abbaa Gaar Ityoophiyaa beeksiise.

Dhaabbatichi karoora waggaa 10 irratti miseensota mana maree bakka bu’oota Uummataa fi qooda fudhattoota biroo waliin Adaamaatti mari’achaa jira.

Dhaabbanni Abbaa Gaar akkaatuma aangoo seeraan laatameefiin Miidhaa bulchiinsaa qaamolee hojii raawwachiisaniin lammiileerra ga’an qorachuun yaada furmaata dhiyeessuun akka raawwataman kan hojjetu ta’uu Abbaa Gaar olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Indaalee Hayileen ibsaniiru.

Yaa ta’uutii yaadni furmaataa dhaabbatichi laatu baay’iina hojiitti hiikkamaa hin jiru jedhan.

Bara 2012 yaada furmaata dhaabbatichi dhiyeesse keessaa % 48 qofti furmaata argachuu ibsan.

Raawwiin kun baatiwwan jahaan darbanitti gara % 51 ol guddatus rakkoo dhiyaatuun yoo madaallame ga’aa miti jedhan.

Karoora waggaa kurna dhufanii keessatti Abbaa Gaar Ityoophiyaa Afrikaarraa moodeela ta’e uumuuf kaayyeeffamee jira jedhaniiru.

Dhaabbanni Abbaa Gaar Ityoophiyaa kutaalee hawaasa sadarkaa gadii jiraniif sagalee ta’uun hojmaata itti gaafatamummaa hordofuun qaamoleen raawwchiiftootaa iftoominaan hojjechuu isaanii ni hordofa jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment