Miidha daa’immanii ittisuuf sirni qabiinsa odeeffannoo daa’immanii hojiirra ooleera-Dooktar Ergoggee Tasfaayee

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Miidhaa daa’immanii ittisuuf sirni qabiinsa odeeffannoo daa’immanii hojiirra ooleera jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee.

Gamaaggamni raawwii guyyoota 100 karoora bara baajataa kanaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamaniitti gaggeeffameera.

Ministirri Dhimma Dubartootaa fi hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen, dhimmoota hawaasummaa biyyaalessaa waltajjicharratti ka’an ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Haaluma kanaan baatiiwwan 10’n darban lammiilee seeraan ala godaanan deebisuu fi miidhaa daa’immaanii ittisuurratti hojiileen milkaa’aan hojjetamuu himaniiru.

Ministeera Dhimma Alaa waliin ta’uunis sirna guddifachaan daa’immaan gara biyya alaatti fudhataman maatii isaanii waliin quunnamsiisuun akka danda’ame eeran.

Haaluma kanaan daa’immaan 200 ta’an galmaa’uu himuun, daa’imman kunneen eenyumma biyya isaanii qabaatanii akka guddatan taasisuuf sirni guddifachaa biyya keessaa akka cimu taasifamuu dubbataniiru.

Hojiilee dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffateen lammiileen kuma 90 ol Saa’ud Arabiyaa, Omaan, fi Sudaanirraa gara biyyaatti deebifamuun, hojiin waarinaan dandamachiisuu hojjetamuu ibsan.

Dabalataan dargaggoonni godaansarra, biyya keessatti hojjetanii jijjiiramuu akka danda’an sagantaan bocamee hojiirra oolfamuu eeraniiru.

Miidhaa daa’imman irra qaqqabuu ittisuufis sirni qabiinsa odeeffannoo daa’immanii hojiirra ooluu kan kaasaan Dooktar Ergoggeen, kanaanis daa’imman kuma 1 fi 40 balaaf saaxilaman baraaruun akka danda’ame himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment