Midiyaaleen dhugaarratti hundaa’uun kabajaa fi faayidaa biyyaaf gahee isaanii bahachuu qabu-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Miidiyaaleen dhugaarratti hundaa’uun kabajaa fi faayidaa biyyaa eegsiisuu keessatti gahee isaanii bahachuu akka qaban Ministiirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad akeekan.

Sagantaan miidiyaalee biyyaa keessaaf beekkamtii kennuu bakka ministirrii Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffameera.

Dooktar Abiy saganticharratti haasawaa taasisaniin, miidiyaalee dhaloota borii tokkummaa, jaalalaa fi seeneessa waloo dhaalchisuu akka qaban dhaaman.

Sagantaa beekkamtii kanaan midiyaaleen 69 badhaasichaaf adda baafaman keessaa 11 madaalli kaa’amee guutuun badhaasa Waancaa fi Waraqaa Ragaa Ministiira Muummeerra fudhataniiru.

Damee miidiyaa daldalaan Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet (FBC), Addis Waaltaa fi EBS badhaafamtoota waancaa ta’aniiru.

Damee miidiyaa mootummaatiin EBC, Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa, OBN fi AMC’n waancaa baadhaafamiiru.

Addis Miidiyaa Neetworki badhaasa waraqaa ragaa kan argate yoo tahu , Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa ammoo badhaafamaa addaan ta’eera.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment