Midhaan Yukireen irraa hawaasa idil-addunyaan ga’uuf Raashiyaa fi Turkiin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Raashiyaa fi Turkiin daldalaa alaatiin midhaan Yukireen irraa fe’uun hawaasa addunyaan ga’uuf, haalota dandeessisanii fi haala yeroo Sooriyaarratti bilbilaan mari’ataniiru.
Baatii Guraandhalaarraa eegalee walitti bu’iinsii Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti mudate Galaana Gurraachaarraan dooniidhaan fe’amee gabaa addunyaaf kan dhiyaataa ture daldala midhaaniirratti dhiibbaa uumeera.
Sababa kanaanis, fedhii nyaataa keessumaa gabaa midhaan callaarratti dhiibbaa olaanaa uumuun himameera.
Turkiin biyyoonni lameen daldala alaa midhaaniin, zayiita nyaata fi oomishaalee qonnaa biroon hawaasaa idil-addunyaa akka ga’u waliigalteerraa akka ga’an abdii qabdu ibsuu CGTN gabaaseera.
Ministirrii Ittisaa Turkii Hulusii Akaar, boora’uu tasgabbii naannawichaatti mudateef sababa kan ta’an hidhattoota Kaabaa Sooriyaa socho’an finciltootaafi shororkeessitoota Kurdii irratti tarkaanfii akka fudhatan gitaa isaanii Raashiyaa Sergee Shoyiguuf himaniiru.
Turkiin Galaana Gurraachaan Raashiyaa fi Yukireen waliin waldaangessiti.
Tattaaffii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin Ministiroonnii Dhimma Alaa Raashiyaafii Turki Ankaaraatti midhaan Yukireenirraa fe’amuun daldala alaatiin fe’amuu haala dandeessisuu fi dhimma sooriyaarratti mari’achuun isaanii ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment