Midhaan dheedhii fi zayiitaa kuntaala miiliyoona 34 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016 (FBC)- Bara omishaa 2015/16 lafa hektaara miiliyoona 2.6 ol irratti inisheetiivota misooma midhaan dheedhii fi zayiitaan oomisha kuntaala miiliyoona 34 fi kuma 446 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Raawwii Oomisha Midhaan Dheedhii fi Zayitaa bara oomishaa 2014/15 fi 2015/16 ilaalchisuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsa baasaniiru.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Toora Xiyyeeffannoo Shanan Mootummaan Jijjiiramaa keenya kutannoodhaan irratti hojjechaa jiru keessaa adda dureen hojii qonnaati. Qonni bu’ura guddina diinagdee biyyaa yeroo dheeraa yoo ta’u, madda wabii nyaataa, carraa hojii (%80-85), sharafa alaa (% 61), akkasumas omisha waliigalaa biyyaa (GDP) keessatti gahee guddaa (% 38.5) qaba.

Waggoottan mootummoota jijjiiramaa dura turan keessattis qonni seektara murteessaa ta’uun himamaa turus, xiyyeeffannoo qabatamaa gahee qonni dinagdeefi omisha waliigalaa biyyaa keessatti qabu madaaluu hin kennamneef turre.

Xiyyeeffannaan madaalu kennamnaan bu’aan akkamii akka dhufu hojiin waggoottan muraasa darban keessatti raawwatame agarsiisaa jira.

Carraaqqii “agro-ecology” bal’dhaa naannoon keenya qabutti haalan fayyadamuuf taasisneen sirna qonnaa garagaraatiif Tarkaanfiilee Addaa (28) hojiirra oolchuun oomisha midhaan gosa hedduu oomishuu qofa osoo hin taane waggaadhaa waggaatti jijiirama guddaa fiduu dandeenyee jirra.

Xiyyeeffannoo olanaan tarsiimoo guddina industirii misooma qonnaatiin duurfamufi baadiyyaa giddugaleessa taasise hojiirra oolchaa jirruun gama hundaan bu’aa jajjabeessaan galma’aa jira.

Waggoottan lamaan (bara omishaa 2014/15 fi 2015/16) darban inisheetivoota gosoota midhaan Dheedhiifi Zayitaa irratti hojiirra oolchineen uwwisa lafaafi oomisha argamee %100 ol guddisuu dandeenyerra.

Keessumattuu akaakuu midhaan dheedhiifi zayitaa kana dura naannnoo keenyatti xiyyeeffannaa argachaa hin turre akka; Boloqqee, Atoo Boonsituu, Maashoo, Loozii, Saliixafi, Suufii irratti hojii boonsaan hojjetamaa jira. Karooraafi raawwii qonna idileefi Sirna omishaa adda addaa (walkeessa -intercropping, kaasanii facaasuu-double cropping, walirraa fusisuun – relay cropping) jiru ittaansuun haa ilaallu.

Karoorafi Raawwii Bara Omishaa 2014/15 fi 2015/16

1. Boloqqee

Bara omishaa 2014/15 lafa hektaara kuma 235 fi 354 irratti Boloqqee oomishuudhaan kuntaala miiliyoona 3.33 argameera. Bara omishaa 2015/16 qonna lafa hektara kuma 800 irratti Boloqqee misoomsuun omishaa kunt. 11,474,306 argachuuf kan karoorfame yoota’u, raawwiin uwwisa lafaa karooraa ol lafa hektaara kuma 929 fi 579 ga’eera.

2. Atoo Boonsituu (Soybean)

Bara omishaa 2014/15 lafa hektaara kuma 14 fi 647 irratti Atoo Boonsituu misoomsuudhaan callaan kunt. 290,000 argameera. Bara omishaa 2015/16 qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 600 irratti Atoo Boonsituu misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 11.7 ol argachuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 527 fi 339 faca’eera.

3. Maashoo

Bara omishaa 2014/15 lafa hektaara kuma 18 fi 820 Maashoo misoomsuun callaa kuntaala kuma 110 argameera.

Bara omishaa 2015/16 qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 300 irratti Maashoo misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 2.1 ol argachuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 204 fi 644 misoomee jira.

4. Loozii (ocholonii)

Bara omishaa 2014/15 lafa hektaara kuma 62 ol irratti Loozii(ocholonii) misoomsuudhaan callaa kuntaala kuma 980 argameera.

Bara omishaa 2015/16 qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 200 irratti Loozii (ocholonii) misoomsudhaan callaa kuntaala miiliyoona 3.3 ol argachuuf karoorfamee hanga ammaatti karooraa ol, lafti hektaarri kuma 244 fi 790 faca’ee jira.

5. Saliixa

Bara omishaa 2014/15 lafa hektaara kuma 49 irratti Saliixa oomishuudhaan calla kuntaala kuma 320 argameera.

Bara omishaa 2015/16 qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 500 irratti Saliixa misoomsuudhaan callaa kuntaala miiliyoona 4.1 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 340 fi 519 misoomeera.

6. Suufii

Bara omishaa 2014/15 lafa hektaara 704 irratti Suufii misoomsuun omishni kuntaalli kuma 7 fi800 argameera.

Bara omishaa 2015/16 qonna Gannaatiin lafa hektaara kuma 200 irratti Suufii misoomsuun omisha kuntaala miiliyoona 1.5 ol argachuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 63 fi 276 facaafameera.

Walumaagalatti, bara omishaa 2014/15 lafa hektaara kuma 381 fi 227 irratti gosoota midhaanii kanneen inisheetiviidhaan oomishuun callaa kuntaala miiliyoona 5 fi kuma 7 fi 800 kan argame yoota’u, bara omishaa 2015/16 lafa hektaara miiliyoona 2.6 ol irratti misooma inisheetiivota midhaan dheedhiifi zeeytaa raawwachuun callaa kuntaala miiliyoona 34 fi kuma 446 fi 149 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Raawwiin uwwisa lafaa hanga ammaatti misoome hektaara miiliyoona 2.3 ol gahee jira.

Kunis raawwii bara darbee irraa uwwisa lafaa fi karoora omishaatiin %100 ol gahuu agarsiisa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment