Michummaan Ityoophiyaa fi Raashiyaa fakkeenya argisiistuu tumsa damee hedduuti-Xiinxalaa Siyaasaa Andiruu Kooribkoo

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Michummaan Ityoophiyaa fi Raashiyaa fakkeenyaa argisiistuu tumsa damee hedduuti jechuun teessoon isaa Raashiyaa kan ta’e, Xiinxalaan Siyaasaa Ameerikaa Andiruu Kooribkoo ibse.

Andiruu Kooribkoo, Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Seergee Laavroov Finfinnee galuu hordofee gabaasa baaseen, Raashiyaan biyyoota Afriikaa waliin hariiroo gama hundaa cimsitee itti fufuuf fedhii qabaachuu kan argisiisuu ta’uu ibsaniiru.

Finfinneen teessoo Gamtaa Afriikaa, argamaa farra impeeriyaaliizimii fi Paan Afriikaaniiziimii, handhuuraa amantii ardichaati jedhanii hedduun akka amanan barreefama isaan eereera.

Michummaan Ityoophiya fi Raashiyaas xumura jaarraa 19ffaa eegalee kan itti fufee ta’uus ibsa.

Yeroosii eegalee biyyoonni lameen michuu walii ta’uun akka itti fufanii fi yeroo rakkoottis akka waltumsan ibseera.

Fakkeenyaaf, sababa walitti bu’iinsaa kutaa Kaaba biyyattiitti mudateen dhibbaa fi shirri biyyootaa Lixaa irraa ga’aa turuu yaadachiisuun, Raashiyaan tarkaanfiilee Ityoophiyaarratti fudhatamuuf turan deeggaruu dhabuun, walbummaa qajeelfamarratti hundaa’ee argisiisuu fi deeggarsa biyyoota Lixaa dhowwachuu hima.

Daawwannaa Seergee Laavroov ammaa Ityoophiyaa sababa waraanaan dhiibbaa diinagdee mudateen keessaa baasuuf deeggarsaa taasisuuf waada seenuu eereera.

Kun biyyoonni diinagdee fooyya’aa qaban kanneen akka Chaayinaa Fi Hindii, akka Afriikaa Kibbaa biyyootaa Afriikaa michuuwwan isaanii waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf fakkeenya akka ta’uuf ibsaniiru.

Ityoophiyaa fi Raashiyaan biyyoota addunyaa hafan, keessumaa, biyyoonni Afrikaa akkamiin gitaa bittaa jalaa ba’uu akka danda’an gama argisiisuun adda dureedha jedha Andiruun.

Dhumarrattis imalli Laavroov gara Finfinneetti taasisan hariiroo Ityoophiyaa fi Raashiyaa akka cimu gamanumaa kan argisiiseedha jedheera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment