Michummaa Ityoo – Keeniyaa nut kan uumne osoo hin taane dhalootaa dhalootaatti ce’uun kan dhufeedha – Preezdaant Uhuuruu Keeniyaataa

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC) – Michummaa Ityoo – Keeniyaa nut kan uumne osoo hin taane dhalootaa dhalootaatti ce’uun kan dhufe ta’uu Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan dubbatan.

Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan ergaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadirraa ergame har’a masaraa isaaniitti fudhataniiru.

Ergicha Muummee Ministiraa FDR duraanii fi gorsaan Muummee Ministiraa FDR Dooktar Abiy obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi geessisuu isaanii ragaan Keeniyatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Jilli Ministir Deettaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reediwaan Huseen keessatti argaman hoggantoota olaanoo mootummaa Keeniyaa waliin marii waloo taasiisaniiru.

Muummee Ministiraa FDR duraanii fi gorsaan Muummee Ministiraa FDR Dooktar Abiy obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi Preezdaantii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa waliin dhimmoota hariiroo waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.

Michummaa Ityoo – Keeniyaa nut kan uumne osoo hin taane dhalootaa dhalootaatti ce’uun kan dhufe waan ta’eef caalmaatti cimsuun akka barbaachisu Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment