Meeshaleen galii sadarkaa gadi ta’an biyya keessa akka hingalfamne dhorkamaniiru-Ministeericha

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC)-Bara baajatichaatti, meeshaalee galii sadarkaa gadi ta’anii argaman meetirik toonii kuma 1 fi 932 ol biyya keessaa akka hingalle dhorkamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi bara baajatichaatti meeshaalee keemikaalaa, nyaataa fi elektirooniksii sadarkaalee dirqmsiisoon ba’aniif irratti sakatta’aa laabiraatoorii fi hojiin inispeekshinii hojjetamuun ibsameera.

Haaluma kanaan meeshalee galii meetirik toonii kuma 1 fi 932 sadarkaa gadi ta’uu mirkanaa’e; biyya keessa akka hingalfamne taasisfamuun, hawaasa shamatataan omishaalee qulqullinaa fi nageenyi isaanii hinmirkanoofnerraa eeguun akka danda’ame ibsameera.

Fuuldurattis, hojiilee to’annoo walfakkaataan cimanii kan itti fufan ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment