Meeshaan waraanaa adda addaa kumni 18 ol seeraan ala daddabarfamaa ture to’annaa jala oole

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Rasaasnii fi Shugguxii kumni 18 ol gara Goondar seenuuf ture to’annaa jala ooluu qajeelchi  poolisii giddugala Goondar ibseera.

Itti gaafatamaa kominikeeshinii fi miidiyaa qajeelchichaa Komaandar Wubnaahi Asaanaaqaa FBCtti akka himaniitti Baajaajoonni lama shugguxii Turkii 76, rasaasa shugguxii Turki kumni 18 fi 200, rasaasni bireenii 518 Saanjaarra ka’uun gara Goondar seenuuf ture to’annaa jala ooluu himaniiru.

Konkolaachiftoota bajaaji lamaan keessaa tokko to’annaa jala oolee qorannoo taasifama kan jiru yoo ta’u, shakkamaa 2ffaa to’annaa jala oolchuuf qorannoo taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Salaam Asmallaashitu gabaase

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment