Meeshaan laabraatoorii vaayrasii koroonaa Mattuutti hojii eegale

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Meeshaan qorannaa laabraatoorii vaayrasii koroonaa har’a magaalaa Mattuutti hojii eegale.

Bulchaan godina Iluu Abbaa Booraa Injiinar Girmaa Raggaasaa fi preezdaantiin Yuunvarsiitii Mattuu Dooktar Indaganaa Abbabbaan wiirtuu qorannichaa daawwachuun hojii eegalchiisaniiru.

Meeshaan qorannoo namoota COVID19 shakkamaniif qorannoo samuudaa taasisu kun Hoospitaala Riifaraala Kaarl Mattuutti tumsa mootummaan taasiseen hojii eegaluu waajjirri dhimmoota kominikeeshinii godinichaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment