Meeshaan Kontiroobaandii fi Doolaarri Ameerikaa Birrii miiliyoona 7.7tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Mudde 1, 2012 (FBC) – Koomiishiniin Guumruukaa damee Kombolchaa meeshaa koontiroobaandii fi Doolaara Ameerikaa Birrii miiliyoona 7.7tti tilmaamamu to’ateera.

Konkolaataan lakkoofsi gabatee isaa 45074/14652 ta’e koonteeynara fe’ee sanada sobaa qabachuun gara Finfinnee otuu imalaa jiruu godina Walloo Kibbaa aanaa Warra Qaalluu magaalaa Harbuutti to’atameera.

Meeshaawwan koontiroobaandii to’ataman kunneen qorichoota Birrii miiliyoona 5.6tti tilmaamamanii fi uffata Birrii 2,184,000.

Waliigalaan meeshaawwan koontiroobaandii to’ataman tilmaama gatii Birrii miiliyoona 7,784,000 kan qabanidha.

Haaluma walfakkaatun Sadaasa 30,2012 namni dhuunfaan karaa seera alaan Doolaara Ameerikaa 26,400 Jibuutiirraa gara Ityoophiyaa seensisuuf otuu yaaluu waajjira damee Guumruukaa Dirree Dawaatti hojjettoota buufata sakkattoo Dawwaalletiin to’atameera.

Comments (0)
Add Comment