Meeshaan kontirobaandii Birrii miiliyoona 31tti tilmaamamu to’annaa jala oole

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2014 (FBC)-Naannoo Somaaleetti sanada sobaatiin gara giddugaleessa biyyaa seenuuf kan ture meeshaan kontirobaandii Birrii miiliyoona 31tti tilmaamamu to’annaa jala ooluu Komishinii Gumurukaatti waajjirri damee Awaash beeksiseera.

Meeshaan kun konkolaattoota jajjaboon Konteeyinaroota 2 irratti fe’uumun halka da’aannaa taasifachuun dabarfamuuf wayita yaalamutti to’anna jala ooluu waajjirichatti abbaan adeemsa ittisa kontirobaandii Inispeektar Alamuu Yimaar himaniiru.

Konkolaachisaa fi gargaraan isaa to’annaa jala ooluun qorannoo taasifama jiraachuu TOI gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment