Meeshaaleen waraanaa yakka Shororkeessummaaf ooluuf ture to’atame

Finfinnee, Amajjii 27, 2016 (FBC) – Meeshaaleen waraanaa yakka Shororkeessummaaf ooluuf ture to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Shakkamaan kun garee Shanee waliin ta’uun ergama badii raawwachuuf naannoo Amaaraa magaalaa Waldiyaa ka’uun meeshaa waraanaa nama dhuunfaaf hin eeyyamamne garichaaf dabarsuuf waayita socho’aa ture to’atamuu ibseera.

Laawuncharii RBG 1, Bireenii 1, Raadiyoo walquunnamtii fageenya dhiyoo 5 fi kanneen biroo qabachuun naannoo Oromiyaa naannawaa Ejereetti geessuuf imalaa osoo jiruu hordoffii taasiifameen Ashaawaa meedaa bakka jedhamutti qaamolee nageenyaan to’atamuu himeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment